‎Yaa’iin Qonna Dijitaalaa har’a Finfinneetti eegala

You are currently viewing ‎Yaa’iin Qonna Dijitaalaa har’a Finfinneetti eegala

‎AMN PLUS-Sadaasa 22/2018

‎Yaa’iin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qopheesse magaalaa Finfinnee waajjira muummee gamtichaatti har’aa eegalee akka adeemsifamu himameera.

‎“Innoveeshinii fi malawwan dijitaalaa fayyadamuun damee qonnaa fi magariisaa cimaa ijaaruun mul’ata egeree Afrikaa milkeessuu” mata duree jechuun adeemsifama.

‎Oomishtummaa qonnaa guddisuu, tajaajila eksiteenshinii qonnaa dijitaalaa, teekinooloojii fi innoveeshinii qonnaafi dhaqqabummaa gabaa irratti fuuleffachuun akka adeemsifamu ibsameera.

‎Dabalataanis, sonawwan dhaqqabamummaa gatii cimsuu, mala oomishtummaa qonnaa fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu ijaaruu waliin wal qabsiisu fudhachuun xiyyeeffannoo yaa’ichaa akka ta’e himameera.

‎Imaammatni qonnaa fi bu’uuraalee seeraa hojiirra oolchuun ajandaawwan yaa’ichi irratti mari’atu ta’uu eerameera.

‎Yaa’ichi tarsiimoo qonna dijitaalaa biyyoota Gamtichaaf, Gamtaan Afrikaa akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2024 raggaassise hojiirra oolchu guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessaa tokko ta’uu odeeffannoon Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa.

‎Waltajjiin kun hanga Sadaasa 24/ 2018tti kan turu yoo ta’u, qondaaltota mootummaa olaanoo fi imaammata baastonni biyyoota Afrikaa, qorattoonnii fi saayintistoonni qonnaa, ogeeyyii teeknooloojii, qonnaan bultoonnii fi dhaabbilee qonnaan bultootaa, dhaabbilee qo’annoo fi qorannoo, abbootii qabeenyaa, michoota misoomaa fi qooda fudhattoonni biroo akka hirmaatan beekameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply