Ijipti himannaa Itoophiyaarratti gaggeessaa jirtu bu’uura kan hin qabneefi dhugaa jaarraa 21ffaa hubachuu dhabuurraa kan madde ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise

You are currently viewing Ijipti himannaa Itoophiyaarratti gaggeessaa jirtu bu’uura kan hin qabneefi dhugaa jaarraa 21ffaa hubachuu dhabuurraa kan madde ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise

AMN PLUS- Sadaasa 24/ 2018

Himannaan bu’uura hin qabne Ijipti Itoophiyaarratti gaggeessaa jirtu dhugaa jaarraa 21ffaa hubachuu dhabuurraa kan maddee fi fudhatama kan qabneedha jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.

Aanga’onni biyyattii olaantummaa ilaalcha bara kolonii laga Abbaayyaarratti qaban ammaas yaadaa jiraachuu isaaniin biyyoonni gaanfa Afrikaa akka hin tasgabboofne farreen nageenyaa waliin hojjechaa jirti jedhe Ministeerichi ibsa baaseen.

Sosochiin gama biyyattiin godhamaa jiru kun bal’isanii yaaduu dhabuurraa kan madde ta’uu mul’isa kan jedhe ministeerichi ibsa isaan, taphni yeroon isaa irra darbe kun Itoophiyaarra miidhaa tokkollee akka hin geessisne cimsee hubachiise.

Itoophiyaan sadarkaa Afrikaatti Paan Afrikaanizimii kan leelliftuu fi Kolonummaa biyya qolachaa turte ta’uu eeruun, waliigaltee kolonumma Kaayiroo fayyaduuf godhamuuf iddoo kan hin qabne ta’uu hime.

Itoophiyaan qabeenya uumamaa daangaa ishee keessatti argamu fayyadamuuf eeyyama qaama biroo kamiiyyuu hin barbaaddu jedhe.

Kanas akkaataa seera idil addunyaa eegeen kan raawwattu ta’uu ibse.

Ijipti marii fi fayyadamummaa waloo dhiibuun seenessa bu’uura hin qabne uumuun adeemsi adeemaa jirtu sirrii akka hin taane yaadachiisuun, Itoophiyaan badhaadhina waloo fi guddinaaf murannoon hojjechuu itti fufti jedhe ministeerichi ibsa isaan.

Hidhi Guddichi Haaromsaa of danda’uu fi piroojektii misoomaa ta’uu isaan walitti bu’iinsaa fi seenessa bu’uura hin qabnerra waloon misoomuuf dursa kennuun filannoo fooyya’aa ta’uu eere

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply