Urjiin Arsenaal Emaanu’el Adibaayor Finfinnee jira

You are currently viewing Urjiin Arsenaal Emaanu’el Adibaayor Finfinnee jira

AMN PLUS- Sadaasa 25/2018

Badhaasni Miidiyaa Afriikaa Finfinnee Hoteela Iskaayi Laayititti kennamaa jira.

Taphataan kubbaa miilaa lammii Toogoo beekamtii guddaa qabu Emaanu’el Adibaayoriifi shubbisa daa’immaniin kan beekaman guddattoonni Yugaandaa “Ghetto Kids” badhaasicha miidhagsaa jiru.

Adibaayoor damee hojii miidiyaa bashannana Afrikaa giddu galeessa godhate kennuun cinatti, daa’imman shubbisa dhiyeessan waliin kubbaa miilaan daddarbachuun hirmaattota sagantichaa bohaarse.

Emaanu’el Adibaayor Piriimiyeer Liigii Ingilaand keessatti kilaboota akka Arsenaal, Maanchiister Siitii, Kiristiyaal Paalaasii fi Tootenahaamiif taphateera. Kilaba guddicha Ispeen Riyaal Maadriidifis yeroo muraasa taphachuun isaa ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply