‎Finfinneen keessummoota Sadaasa 29 kabajuuf gara Hosaa’inaatti imalan simachaa jirti

You are currently viewing ‎Finfinneen keessummoota Sadaasa 29 kabajuuf gara Hosaa’inaatti imalan simachaa jirti

‎AMN PLUS- Sadaasa 25/2018

‎Finfinneen keessummoota guyyaa Saboota, Sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaa 20ffaa Hosaa’inaatti kabajamu irratti hirmaachuuf magaalittii keessa darbaa jiraniif simannaa taasisaa jiraachuu Afa-Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir ibsan.

‎Haga ammaattis keessummoota naannoo Benishaangul Gumuz irraa dhufaniif simannaan taasifamuu ibsameera.

‎Keessummootni hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjataman isaan ajaa’ibsiisuu dubbataniiru.

‎Simannaan keessummoota guyyaa Saboota, Sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaa 20ffaa Naannoo Giddu Galeessaa Itoophiyaa Hosaa’inaatti kabajamu irratti hirmaachuuf deemaa jiraniif taasifamu akka itti fufu Afa-Yaa’iin Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir ibsaniiru

‎Habtaamuu Mul’ataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply