Kilaastarri jijjiirama hunda-galeessa Finfinneetti galmaa’aa jiru itti fufsiisuu dandeessisu hundaa’uun hojiitti seene.
Kilaastaroonni 7 itti waamamni isaa Waajjira Kantiibaaf ta’uun hundeeffamuu eerameera.
Hojmaata caaseffame cimsuun qulqullinaafi si’aa’ina dabaluuf karoorfamuun kilaastarri kun hundaa’uu yoo ibsamu, nageenya waaraa mirkaneessuu irratti fuuleffachuun akka hojjatu beekameera.
Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa kilaastarichi dhaabbileen haala bittinnaa’een hojjatan walitti dhiyaachuun rakkoowwan hawaasummaafi diinagdee furuuf gahumsa akka uumu dubbataniiru.
Addis Miidiyaa Neetiwork, Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii, Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee dabalatee dhaabbileen 18 waliin qindaa’anii hojjachuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Almaaz Mulugeetaatu gabaase