Jiraattota Magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa hunda keessatti argaman waliin mariin bal’aan dhimmoota gara garaa irratti taasifamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hima.
Mariin kana irratti bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa adda addaa, abbootii amantii, maanguddoota, dargaggootaa fi dubartoota, hawaasni daldalaa, invastaroota, fi hayyoota dabalatee hirmaataniiru.

“Kana dura gaaffilee, komii, fi yaada jiraattonni keenya waltajjiiwwan ummataa adda addaa irratti kaasaniif deebii qabatamaa, akkasumas hojiiwwan hafan irratti marii bal’aan taasifneerra” jedhan Aadde Adaanech.
Hoggantoonni olaanoon magaalaa fi ministirotni waltajjiiwwan hoogganuudhaan, gaaffilee ummanni kaasan irratti ibsa kennaniiru, akkasumas hojii manaa fudhataniiru jedhan.
Baroota jijjiiramaatti hojiilee misoomaa Finfinneetiin milkiiwwan gurguddaan kan galmaa’an mootummaa fi uummatni tokko ta’anii qindoominaan waan hojjetaniif ta’uus eeraniiru.

Har’as tumsa uummataafi mootummaatiin hojiilee milkaa’an caalmaan cimsuun ammallee hirmaannaa uummataa mirkaneessuun karoora waloo fuulduraarratti uummata irraa galtee guddaan argamuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
”Jaallatamoo jiraattotni magaalaa keenyaa, yaada tolaa nuuf kennitaniifi hirmaannaa ho’aa taasiftaniif maqaa koo fi maqaa Bulchiinsa Magaalichaan onneekoorraa isin galateeffadha” jedhaniiru.
Fuuldurattis uummata waliin dhiyeenyaan hojjechuun akka itti fufu Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.