Paartiin Diimookiraatawaa Tigraay “Simrat” beekamtii waraqaa ragaa Paartii Siyaasaa Naannoo ta’uu dandeessisu argachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksiseera.
Boordichi aangoo labsiin kennameefiin, “Simrat” beekamtii waraqaa ragaa Paartii siyaasaa Naannoo ta’uu isaa mirkaneessu kaleessa Sadaasa 29 Bara 2018 akka kenneef odeeffannoon boordicha irraa argame ni mul’isa.