Mootummaan amantaalee hunda qixaan keessummeessa – Kantibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Mootummaan amantaalee hunda qixaan keessummeessa – Kantibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Bitooteessa 08/2018

Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hoggantoota mana Amantaa Kiristaanaa warra wangeelaa, Kaatolikii fi Adveentistii waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin mata duree “ Dhaabbilee Amantaalee Ilaalama Mootummaa Ida’amuun” jedhuun guyyaa har’aa abbootii amantaa fi hoggantoota kanneen waliin marii bu’aa qabeessa gaggeessuu ibsan.

Mootummaan amantaalee hunda akkaataa duudhaa fi barsiifata isaaniin qixaan keessummeessa jedhan Kantibaa Adaanech Abeebeen.

Manneen Amantaa kunneen Nageenya waaressuu, misoomaa, ijaarsa dhalootaa, hariiroo ummataa cimsuu, tokkummaa jabeessuu, namuusa, seenaa fi eegumsa hambaalee, akkasuma Itoophiyaa addunyaatti beeksisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbatan Kantibaa Adaanech Abeebeen.

‎Hirmaannan dhaabbilee kanneenii seenaa keesaatti qofa osoo hin taane waggoota jijjiiramaa darban keessattis ijaarsa nageenyaa, misoomaafi imala badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetiif gumaacha guddaa akka taasisan Kantiibaa Adaanech dubbataniiru.

‎Waltajjicharratti walitti dhufeenya ummatootaa cimsuu, misooma hawaasummaa fi hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuu, aadaa hojii barsiisuu, dhaloota naamusaan ijaaruu, amala hojii gaarii hojjechuu akka baratan taasisuu, bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa guddisuu, akkasumas nagaa dagaagsuu fi alseerummaa ittisuun badhaadhinaa fi dantaa biyyaalessaaf waliin dhaabbachuuf marii bu’a qabeessa ta’e akka taasisanis himaniiru.

‎Waltajjiin kun hanqinoota ka’an walta’iinsaan furuuf haala mijataa kan uume ta’uu kan himan Kantiibaa Adaanech, gahee fi itti gaafatamummaa mootummaa fi dhaabbilee amantii ifatti kan agarsiisedha jedhaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech geggeessitoota Dhaabbilee Amantaa Warra Wangeelaa, Kaatolikii, fi mana amantaa guyyaa 7ffaa Adveentistii Itoophiyaa galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply