Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Itoophiyaan Sagantaa Humna Niwukilaraa ishee sadarkaa Ejensii Atoomawaa Idil-addunyaa waliin walsimsuun hojiirra oolchuuf kutannoo qabdi jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan Daayrektara Itti aanaa Ejensii Atoomawaa Idil-addunyaa fi Itti gaafatamaa Dippaartimantii Inarjii Niwukilaraa Dooktar Mikaa’el Chuudaakoov waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii dhimmoota tarsiimawoo tumsa waloo inarjii niwukilaraa cimsuurratti kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana Itiyoophiyaan fedhii cimaa humnaafi teeknooloojii niwukilaraa naga qabeessa dameewwan fayyaa, qonnaa, indaastiriifi qorannoof fayyadamuuf qabdurraan kan ka’e hojjechaa akka jirtu ibsan.
Kanaaf ammoo Sagantaa Humna Niwukilaraa Biyyaalessaa eegaluu eeruun, Komishinii Humna Niwukilaraa hundeessuun gara hojiitti galuu ibsan.
Itoophiyaan Sagantaa Humna Niwukilaraa ishee sadarkaa Ejensii Atoomawaa Idil-addunyaa waliin walsimsuun hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuus hubachiisaniiru.
Imala Itoophiyaan humna niwukilaraa irraa fayyadamummaa ishee mirkaneessuuf eegalte dhugoomsuuf Ejensichi deeggarsa ogummaa kan taasisu ta’uus ibsameera.