Isa Dr. Zalaalem Abarraa jalqabanii, Lataa Qana’ii achi buten harkaa fuudhe – Waloo Yoomiyyuu Lammeessaa

You are currently viewing Isa Dr. Zalaalem Abarraa jalqabanii, Lataa Qana’ii achi buten harkaa fuudhe – Waloo Yoomiyyuu Lammeessaa

‎AMN PLUS – Mudde 2/2018

‎Walaloo “Deesseekoo” jedhuun gatii haadhaa kan hime, “Ogummaa gaarummaatiin Doktireetii fudhatte jedhaa Haadhaaf dhaame.

‎Quuqama haadhummakee gubbaa samiin gitattee,

‎Kuufama gaarumaakee gabaa kamii bitattee,

‎Sa-utuu eelaa’anii  jajjabaachu fedhanii, Sa-utuu beela’anii ati nyaadhu jedhenii, Na guddisuuf dadhabaa agabuus natti bultee

‎Digirii kee jalqabaa arjummaatiin xumurtee

‎Dhoksanii mimiixachuu  fedhii kootiif gubattee

‎Obsanii ciniinnachuu PhD fudhattee….. jedhee itti fufa walaloonsaa.

‎Waloo Yoomiyyuun AMN Diijitaal waliin turtii taasiseen, “Jechoota Afaan Oromoo ta’anii dagatamaniifi Afoola dur cigoodhaan jechoota dhokatoofi gurguddaa ittin wal qeeqan, wal faarsanii gootummaa walii ibsaa turanii harra dagataman, baasee akka namoonni maaliidha jedhanii qorataniif walaloonkoo  Karaa saaqa  jedheera.

‎Waloo Yoomiyyuu Lammeessaa, Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Haroo Limmuutti dhalatee akka guddate kan dubbate, barnoota digirii jalqabaafi Artii xumuree akka jiru himeera.

‎”Walaloon qabeenya waaqayyoo naaf laatee manakoo keessa jiruudha” jedhe

‎Afoola abboota keenyaa durii isa Dr. Zalaalem Abarraafaan jalqabanii, Lataa Qana’iifaa achi butanan harkaa fuudhee, anis dhalootatti dabarsa jedhe  Waloo Yoomiyyuun.

‎Aadaafi duudhaa Oromoo bal’aafi baay’ee sababa garagaraan  dhokatee,  namoota dubbatan dhabuutiin aadaan uummatichaa dubbatamees haasa’amees hin dhumnetu sababa naaf ta’e jedha.

‎Waggoota darban keessa haalli mijataafi miidiyaan waan hin mijaanneef karaan ittiin aadaa ofis dandeettii ofiis baasan hin jiru ture jedhee, nuuf immoo har’a karaan ittiin dubbatannuu haalli gaariin uumameera jedhe.

‎Kennaa uumaan nuuf laateen uummata keenyatti ba’uun aadaafi afaan keenyaan  hojjennee guddisuu dandeenya jedhe.

‎Walaloon Artiin waan keessa ofii jiru gadi baasanii akka dhaggeeffataa hedduu argachuu danda’utti dandeettii ofii mullisuudha jedhe Waloo Yoomiyyuun.

‎Walaloon keenya sadarkaama miira ofii ibsannaa malee Aadaafi duudhaa Afoola kaleessaan kan wal qabatuun  barreeffamaa waan hin jirreef kana irratti xiyyeeffachuun barbaada jedhee, kan fakkeenya godhates Dr. Zalaalem Abarraa ta’uu himeera.

‎Walaloon kennaa namoota dhuunfaati jedhamee yaadamuun xiyyeeffannoo ga’aa argatee akka hin jirres kaaseera.

‎Garuu walaloon humna guddaa kan qabu jechi tokko diiguus ta’e ijaaruu akka danda’uu himee, akkuma aartiiwwan kaanii saayinsii maata isaa waan qabuuf kenna cinatti barnootaan deggeruu irratti hanqinni waan jiruuf mootumaanis ta’e qaamni ilaallatu leenjiifi barnootaan akkuma galma Tiyaatiraatti bakki qophaa’ee irratti hojjatamuu akka qabu himeera.

‎Akkasuma namootni walaloos ta’e Aartii biraa irratti hojjetan of eggannoon hawaasatti baasuu akka qabaniifi mata dureewwan xixiqqoo dhugaa hin ta’in uummata burjaajessan fuudhanii ba’uuraa of eeggachuun barbaachisaadha jechuun dubbateera.

‎Waloo Yoomiyyuun AMN Diijitaal waliin turtii taasiseen, waan gaarii fuula namaaf waaqatti tolu yoo hojjetan ni milkaa’u jechuun dubbateera.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply