Yaada Moo’ataa qabatanii dhiyaachuun, faayidaa biyyaalessaaf waloon hojjachuun murteessaadha- Obbo Mogas Baalchaa

You are currently viewing Yaada Moo’ataa qabatanii dhiyaachuun, faayidaa biyyaalessaaf waloon hojjachuun murteessaadha- Obbo Mogas Baalchaa

AMN PLUS – Mudde 7/2018

Waltajjiin Marii Dargaggoota Magaalaa Finfiinnee hirmaachise mata duree “Aadaan Dimokraasii Cimaan Ijaarsa Biyyaaf Utubaadha” jedhuun adeemsifamaa jira.

Itti Gaafataan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa, Itoophiyaa keesssatti aadaa Dimokraasii cimsuun, hirmaannaa dargaggootaa jabeessuu barbaachisaadha jedhan.

Yaada Moo’ataa qabatanii dhihaachuun faayidaa biyyaalessaa jiddu galeessa godhachuun waliin hojjachuun murteessaa ta’uus dubbataniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Biyyattii keessatti garaagarummaan yaadaa kamuu jiraatuus, biyyaaf waliin hojjachuun akka danda’amu baroottan jijjiiramaa darban keessatti qabatamaan kan mirkeesse tahuu himaniiru.

Itoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti ol kaasuuf ijoolleen ishee adda addummaa jiru moggaatti dhiisuun dhimma biyya ofiirratti tokkummaan hojjachuu qabuus jedhaniiru.

Misoomaafi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee waaraafi amansiisaa ta’een Waltajjiileen idil addunyaa 150 caalan yeroo gabaabaa keessatti keessummeessuufi kun akka tahuufi dargaggoonni gahee Leencaa bahachuu dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Qirqoos Dr. Misikkir Nagaash, Dargaggoonni Mootummaa Paartii Badhaadhinaa ofii ijaaran keessatti hirmaachuun kallattii adda addaan irraa fayyadamuufi hogganaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara Bayyanachuu Itoophiyaa keessatti dargaggoonni Damee addaatiin hirmaachuun bu’aa olaanaa buusaa jiraachuu ibsaniiru.

Marii kanarratti Hoggantoonni Paartichaa Magaalaa Finfinnee fi Kutaalee Magaalattii hundarraa walitti babahan, akkasumaas dargaggootaafi Shamarran hirmaachaa jiru.

Mahaammad Toofiq tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply