Fiilmiin Cehumsa Qamadii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu ifoome

You are currently viewing Fiilmiin Cehumsa Qamadii Itoophiyaa irratti xiyyeeffatu ifoome

AMN PLUS- Mudde 9/2018

Dokumantariin ce’umsa qonnaa qamadii Itoophiyaa irratti mata duree “Ethiopia’s Wheat Transformation Journey” jedhuun taatoowwan dhugaan jiraniifi kalaqamaniin faayame ifoome.

Fiilmiin ogeessota fiilmii Loos Aanjalasitti argamaniin hojjatame kun, tattaaffii Itoophiyaan Afrikaa keessatti gama qonnaan of danda’uuf taasiftu haalaan ibsa.

Warraaqsa seenaa keessatti gama qamadiin of danda’uun taasifamuun eegalamee, imala taatoon Yohaannis jedhamu ooyiruuwwan Oromiyaa, Affaar fi Amaaraa ittiin waliin ga’u haalaan mul’isa.

Imala konkolaataa meeshaa fe’uun taasisu kana keessattis taatoowwan qabatamaan jiran waliin walitti dhufuurra darbee oomisha biyyattii sooru kana geejjibsiisuun guca egeree qabsiisa.

Itoophiyaan oomisha qamadiin Afrikaa irraa tokkoffaa taate, cehumsa ajaa’ibsiisaa irra jiraachuu kaasuun, fooyya’iinsa milkaa’aa kana duuba aarsaan gurguddaa akka itti kaffalames mul’iusa.

Haala ijaarsa seenaa ajaa’ibsiisaa, bakkeewwan mimmiidhagoon faayameen baadiyyaa wiirtuu cehumsa qonna qamadii, qonnaan bultootni teekinooloojii haaraan oomishaafi oomishtummaa guddisaa jiran irraa ka’uun gara giddu gala magaalaatti imala.

Fiilmiin kun waa’ee oomisha qamadii himuun ol ta’uun mala damdamannaa, kalaqaa biyyattii agarsiisuu irra darbee, Itoophiyaan ammallee egeree isheetti mul’ataan imalaa jiraachuu ibsa.

Daandii of danda’uu fi badhaadhina Afrikaa milkeessuu haalaan akeeka.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply