Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan guyyaa har’aa naannawaa Makkanniisaatti kan argamu Biilaaluul Habashii daawwataniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Biilaaluul Habashiin godambaa qaama seenaa Itiyoophiyaa kan ta’e imala islaamummaa Itiyoophiyaa ka’umsa irraa hanga ammaatti agarsiisu gurmeesseera jedhan.
Biyya keenyatti godambaawwan seenaa islaamummaa ibsan qubaan kan lakkaa’aman waan ta’aniif godambaan kun gatii guddaa qaba jechuun ibsaniiru.

Godambaa kana keessa seenaan keenya Hijiraa jalqabaarraa eegalee hanga ammaatti jiru haalaan mul’ata jedhan.
Itiyoophiyaan biyya Aliimota gurguddoo qabdu, bakka argama hambaalee islaamaa dinqisiisoo ta’uus eeraniiru.
Dhaabbatichi dargaggoota leenjisuun gahoomsuu, rakkoolee hubachuun qorannoofi qo’annoo deeggaruu akkasumas dargaggootaaf iddoo oolmaa mijataa qopheessuu keessatti qoodni isaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Iddiriiwwan Biilaaluul Habashii kaayyoo yeroo ammaa qabatan caalaatti hojjechuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruun fakkeenya ta’uu akka danda’an eeraniiru.
Dhaabbaticha deeggaruun seenaa keenya eeguufi dargaggoota gahoomsuu qaban jedhaniiru. TOI gabaase