Jijjiiramni Magaalaa Harar keessatti arge na dinqisiiseera jedhan Pireezidaantiin Jalqabaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hasan Alii.
Obbo Hasan hojiilee misoomaa Magaalaa Harariitti hojjetaman daawwataniiru.
Magaalichatti, jiraattootaafi daawwattootaaf mijataa taasisuuf hojiilee hojjetaman daawwachuu himan.
Magaalaa Hararii duraan beeku jijjiiramee miidhaguufi sadarkaa seenaa ishee agarsiisuun hojjetameeraas jedhan.
Hojiileen hojjetaman kunneen dhalootaaf bu’uura cimaa ta’uus himuu Miidiyaa Hararii irraa odeeffanne.