Osmaan Dembelleen Taphataa Cimaa Addunyaa jedhamuun Badhaasa ‘Globe Soccer’ irratti badhaafame

You are currently viewing Osmaan Dembelleen Taphataa Cimaa Addunyaa jedhamuun Badhaasa ‘Globe Soccer’ irratti badhaafame

AMN PLUS – Mudde 19/2018

Taphataan PSG Badhaasa Baalaandoor fi FIFA injifate Osmaan Dembellee Badhaasa ‘Globe Soccer’ irratti Taphataa Cimaa Addunyaa jedhamuun badhaafame.

Morkataa Dembelee kan ta’e Lamiin Yaamaal badhaasa Taphataa Sarara Fuulduraa Cimaafi Taphataa Miidhagina Kubbaa Miillaa gonfachiise jedhamuun ‘Maradona Award’ injifateera.

Vitiinihaan taphataa cimaa sarara gidduu yoo jedhamu, Dizaayer Duuyeen ammoo taphataa cimaa dargaggeessa reef mul’ataa jiru jedhamee badhaafameera.

Waltajjicha irratti Kiristiyaanoo Ronaaldoon badhaasa “Globe Soccer” irratti Taphataa Cimaa Baha Giddugaleessaa injifate.

Pool Pogbaan ammoo taphataa abdii kutannaarraa deebi’uun fakkeenya ta’e jedhamuun badhaafame.

Luwis Inriikeen leenjisaa cimaa yoo jedhaman, PSG’n ammoo Garee Cimaa bara 2025 ta’uun ‘Globe Soccer’n filameera.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply