Kiristiyaanoo Ronaaldoon badhaasa “Globe Soccer” irratti Taphataa Cimaa Baha Giddugaleessaa jedhamuun badhaafame.
Al-Nasser waliin bara dorgommii mishaa kan dabarse Ronaaldoon kaleessa gooliiwwan lama lakkoofsisuun waliigalaan goolii 956’n gahateera.

Waltajjicha irratti haasawa taasiseen, ammallee waancaawwan biroo injifachuun barbaada, gooliiwwan koos 1,000’n gahadhee seenaa hojjedha” jedheera.
Taphatan lammii Poorchugaal kun “Miidhamni yoo na hin mudanne tapha koo ittan fufas” jedhe.
Ronaaldoon Waancaa Addunyaa 2026 irratti Porchugaal waliin eegama.