Daba seenaa Oromoo irratti barreeffame sirreessuuf hojjechaan Jira- IQQO

You are currently viewing Daba seenaa Oromoo irratti barreeffame sirreessuuf hojjechaan Jira- IQQO

AMN PLUS- Mudde 23/2018

‎Inistitiiyuutiin Qo’annoofi Qorannoo Oromoo seenaafi eenyummaa Oromoo gadi fageenyaan qorachuun daba seenaa irratti barreeffame sirreessuun dhalootatti dabarsuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu ibseera.

‎Daayirektarri Olaanaan Inistitiiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo Dirribaa Tarrafaa (PhD) Inistitiiyuutichi eenyummaafi seenaa dhugaa Oromoon qabu gadi fageenyaan qorachuun dhalootatti dabarsuufi daba seenaa Oromoorratti barreeffamaa ture sirreessuuf hojii bal’aa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Inistitiiyuutichi erga hundaa’e hanga ammaatti kitaabolee 88 ol seenaa, aadaafi duudhaa, aartii, afaanii fi ogbarruu Oromoo irratti afaanota garaa garaan kan maxxanse yoo ta’u, waggoota afur keessatti qofa kitaaboleen 33 maxxanfamuu ibsaniiru.

Inistiitiyuutichi waggaa waggaan hayyoota seenaa, duudhaafi ogbarruu Oromoorratti qorannoo gaggeessan, dhaabbilee barnootaa garaagaraa fi qooda fudhattoota adda addaa kora akkanaa irratti hirmaachisaa akka jiru Dooktar Dirribaan ibsaniiru.

‎Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Amboo Baayisaa Lataa (PhD) gama isaaniitiin yunivarsiitichi qorannoo fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu irratti hojiilee bal’aa hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Korri Qorannoo Aadaafi Yaa’iin Aartii Oromoo 4ffaan Yunivarsiitii Ambootti taa’amaa jira.

Kora kanarrattis qorannoowwan mata duree adda addaa irratti xiyyeeffatan 20 dhiyaachuun mariin adeemsifamaa jiraachuu odeeffannoon Kallacha Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply