Abbuuraa holqaa Naasir Ahimad Qorataa holqaa Itoophiyaa yeroo jalqabaa yoo ta’u akka Afriikaatti isa 2ffaati.
Afiriikaa bakka bu’ee Jarmanitti baadhafameera jedha AMN Dijitaal waliin turtii taasiseen.
”Biyyikoo ogummaa kootiin ana qofa waan qabduuf hamman kan akka kootii kumaan baay’isutti jedheen carraa biyya alaa argadhe dide” jedha.
Oromiyaa Bahaa Godina Harargee Aanaa Kombolchaatti dhalatee akka guddate kan dubbatu Naasir yeroo ammaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti Qorataa Holqaa ta’ee hojjechaa jira.

Naasir ogummaa namoonni hin barannee kan qabuufi barnootni isaa Itoophiyaa keessatti kan kennamu waan hin taaneef biyyoota alaatti, Faransaayi, Xaaliyaaniifi Jarmanitti akka barate himeera.
Qorannoo holqaa irratti yeroo dheeraaf akka hojjete kan dubbatu Naasir hanga ammaatti holqoota uumamaa 334 qoratee isaan keessaa 200 irratti kitaaboota kan barreesse “Caves in Oromia” kan jedhu ammoo waggaa 3 dura eebbisiiseera.
Dabalataanis barruuwwan umurii dheeraa qaban qaroomina seenaa Oromoo duraatti holqa irraatti barraa’an 133 qoratee isaan keessaas 62 kaartaafi pilaanii isaa xumuree kitaaba isaallee xumuruuf persantaa 90 irra ga’ee eebbaaf qophii irra akka jiru kaaseera.
Akkasumas iddoowwan amantaa holqawwan jiran 82 kan qorate yoo ta’u hanga ammaatti ogummaa barateen holqoota 549 akka qorate himeera.
Harargeetti kan argamu holqi Naasii’ol jedhamus maqaa isaan moggaaffamee akka jiru kaaseera.
”Qorannoon holqaa ulfaataa waan ta’eef namoonni holqa qoratan yeroo hedduu maqaa isaaniitiin mogga’a” jedhe.

Nasiir qorataa qofa osoo hin taane bareessaadhas kitaabota karaa BATO’tiin barraa’an hedduu keessatti qooda guddaa kan taphatuufi dhuunfaa isaatii kitaabota mana kitaaba biyyattiin qabdu gurguddoo keessa taa’uu danda’an 5 Afaan Ingiliffaatiin barreessee, 2 eebbisiisee kan 3ffaa “Sof Omer Cave and Prehistoric Rock painting” kan jedhu ammoo yeroo xiqqoo booda eebbisiisuuf akka jiru himeera.
Tuurizimii hin beekamne Soofumar irratti akkuman hojjedhe ammas Soofumar irratti kitaaba fuula 350 qabu barreessee xumuree eebbisisuuf akka jiru himeera.
”Mullannikoo ofiikoo kumaan baayisuufi dhaabbata qorannoo holqaa banee dhaloota leenjisee bakka buusuudha” jedhee, mootummaanis xiyyeeffannoo amma jiru kana cimsee itti fufuu qabu himeera.
Holqa qorachuun ulfaataa ta’uu kan dubbatu Naasir gaaf tokko sa’atii 10 millaan deeme halkan sa’atii 5 booda Holqa qoradhee yeroon keessaa ba’u, bakki bulanis mannis naannoo sana waan hin jirreef lafuman biyyee irra ciisee bule jedhe.

Yeroo ammaas holqa Naasi’ol saamuuda kiilo 18.6 fuudhee Yuunivarsitii Ji’oo Saayinsii Biyyaalessaa Taayiwaan akka deemeefi holqichi umuriin isaa wagga Miliyeena hedduu dura akka uumame baramee, kan hafes akkan qoradhuuf leenjii akka kennaameef dubbateera.
Saayintistoonni yuunivarsitichaa holqichi haala jijjiirama qilleensa Afrikaafi Itoophiyaa, qonna illee kan ittiin utubamu ta’uu himaniiru jedhee, qorannoon isaa booda ifa akka ta’u himeera.
Addunyaa kana irraa namoonnii qorannoo holqaa gaggeessan persantii 100 keessaa persantaa 25 du’aaf saaxilamu jedhee, holqa qorachuun ulfaataa seensa holqaa irraatti bineensota jawweefi boftifaan kan argamaniifi nannoowwan isaas qeerransa, Leencaafi bineensota biroon guutuu waan ta’eef gootummaa barbaada jedhe.
Keessattuu yaroo keessa seenanis finyoo tokkoon kan seenamuufi bishaan kan qabu laftisaa namaan kan sigigaatuufi boolla gadi fagoo meetira 60-100 ta’an waan seenaniif kufuu, dhagaan namarratti jiguufi oksiijinii dhabuun nama mudachuu akka danda’u hima.
Ho’i guddaafi fi qorris muddachuu waan danda’uuf sombi namaa fayya qabeessa suusiiwwan kami irraayyuu walaba yoo hin taane du’aaf saaxilamuu danda’a jedhe.

”Biyyi hundi holqa hin qabdu Itoophiyaa keessaa iyyuu Oromiyaa qofaatu holqaan badhaatuudha jedhee, holqoota qorachaa ture naannoo Tigiraay, Amaaraafi Uummattoota Kibbaa kan jiran ammoo ulaagaa hin guutan jedhe.
UNESCO’tti holqi hanga ammaatti galmaa’e hin jiru kan jedhe Naasir Soofumar galmeessuuf adeemsa irra akka jiran kaaseera.
Nama tokko ta’eeni holqa 334 qoradhee malee, osoo kan akka kootii jiraatee holqoota biyya keenya addunyaa irratti mullisa kumatamatu hin argamin jira jedhe.
”Ani holqa tokko qoraachuuf deemee achitti hafuun jiraachuu waan danda’uuf waanan jalqabe kana itti fufsiisuuf mootumaan xiyyeeffannoo itti kennee na cina dhaabbatee namoota akkakoo bakka bu’uu danda’an hojjechuu qaba jedhe.
Qabeenyi fi guddinni biyyaa holqa keessa waan jiruuf namni hundi kunuunsuu akka qabu turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen Abbuuraa Holqaa Naasir Ahmad dhaameera.
Daraartuu Tarreessaatu gabaase