Ga’eessa waggoota dheeraa dirree kubbaa keessa bubbule-Jeemsi Miilnar

You are currently viewing Ga’eessa waggoota dheeraa dirree kubbaa keessa bubbule-Jeemsi Miilnar

AMN PLUS – Mudde 26/2018

Jeemsi Miilnar Maanchistar Siitii, Liveerpuuliifi Biraaytan dabalatee kilaboota garaagaraa pirimeerliigii Ingilaandiif hiriireera.

Yeroo ammaa kilaba Biraaytaniif taphachaa kan jiru yoo tahu har’a umriin ganna 40 guutera.

Miilnar seenaa pirimeerliigii Ingilaandi keessatti taphataa umrii xiqqaan goolii lakkoofsise yoo tahu umrii ga’eessummaa ganna 40 keessa ammas liigicha keessatti taphataa waggoota dheeraa taphate tahuun rikoordii qabateera.

Miilnar taphoota pirimeerliigii 648 irratti hiriiree taphachuun taphataa Maanchistar Siitiifi Evertan duraanii Gaarez Baariitti aanee sadarkaa 2ffaarratti argama.

Taphoota liigichaa 6 itti aanan irratti kan hiriiru taanaan Jeemsi Miilnar taphoota hedduu pirimeerliigii Ingilaandi taphachuun seenaa hojjeta.

Miilnar taphataa hunda galeessa yoo tahu ittisa boodaa, sarara qarqara fuulduraafi sarara gidduurra tahuun taphachuun milkaa’era.

Jeemsi Miilnar waggaa 25ffaaf pirimeerliigii Ingilaandi keessa taphacha jiraachuun gabaafameera.

Miilnar walumaagalatti waancaa Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa dabalatee pirimeerliigiis itti deddeebi’e injifachuun ammallee kilaba Biraaytan tajaajiluu irratti argama.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply