Mul’ata biyyaalessaa ceheen, wareegamaaf qophaa’uun dhalootaaf hojjechuu barbaachisaadha- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Mul’ata biyyaalessaa ceheen, wareegamaaf qophaa’uun dhalootaaf hojjechuu barbaachisaadha- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Mudde 27/2018

‎Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo hunduu hojiilee ijoo hojjachuu qaban ilaalchisee Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hojiin jalqabaa baruufi barsiisuu tahuu ibsaniiru.

‎Dooktar Abiyyi kabaja hundeeffamaa Yunivarsiitii Finfinnee waggaa 75ffaa sababeeffachuun waltajjii marii qophaa’erratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniin, dhaabbileen barnoota olaanoo hojii Qorannoo fi qo’annoo irratti fuulleffatanii akka hojjatanis yaadachiisaniiru.

‎Kanarra darbees saffisuu fi hojiirra oolchuun hojiiwwan bu’uuraa sadan dhaabbilee barnoota olaanoo tahuu kaasaniiru.

‎Gama biroon, hojiiwwan cabiinsa yaadaa, cabiinsa dhaabbataa fi aadaa qormaata biyyaa ta’uu isaanii eeraniiru.

‎Ida’amni cabiinsa kanaas sadarkaa biyyaatti kufaatii hordofsiisuu akka malu ibsaniiru.

‎”Bara amma keessa jirru carraa fi qormaanni jiru” kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi, seenessa waloo uumuu dhabuun, malli qonna keenyaa boodatti hafaa ta’uu, garaa garummaa fi walitti bu’insa keessaa bahuu dadhabuu akkasumas ilaalcha naannummaa keessaa bahuu dadhabuun rakkoolee cehuuf danqaa uuman tahuu ibsaniiru.

‎”Isaan kana keessaa bahuuf mul’ata biyyaalessaa cehe, adeemsa jijjiiramaa hojiin mul’atu, dandeettii fi gahumsa jijjiiramaa qindaa‘aa nu barbaachisa” jechuun ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Mul’ata biyyaalessaa cehaa yeroo jedhamu kaleessarraa barachuun wareegamaaf qophaa’uu fi dhalootaaf hojjechuu ta’uu waltajjii kana irratti hubachiisaniiru.

Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply