Gadaan Karrayyuu Tuutni Michille aanaa Fantaallee ardaa jilaa Tarree Lediitti barii barraaqa sirna Buttaa Qaluu raawwate.
Sirni buttaa qaluu kan jalqabes Abbaan Bokkuu Gadaa Michillee Hawaas Bulaa erga korma qalaniiti.
Itti aansuunis balbalti kudha sagal sangaa qalan.
Akka Gadaa Karrayyuutti guyyaa har’aa Buttaan kan qalameef miseensi Gadaa Michillee kan baalli harkaa qabu waggoota jahaaf erga bulchee waggoota lamaan hafan keessatti Gadaa Halchiisaaf Goobaan kennamee hanga baallii fudhatuuf yeroo itti shaakalu waan ta’eef dha.
Michilleen erga buttaa qalee Gadaan Halchiisaa hanga baallii guutumatti fudhatutti “Goobaa” jedhaa bakka cidhaatti sirbuu mirga qaba.
Sirna buttaa qaluu har’a raawwatame dursee guyyaa kaleessaa gara galgalaa gumaata Micciirraatu dubartootaan gumaatamee erga geessuun halkan taphni dubartoonni taphatan ‘Hammayyoon’ taphatamaa buleera.