Gaggeessaan, kan of moo’eefi of dhaggeeffatudha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Gaggeessaan, kan of moo’eefi of dhaggeeffatudha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Mudde 26/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) “Gaggeessaan ofii isaa kan mo’ateefi keessoosaa sirriitti kan dhaggeeffatudha” jedhan.

‎Dooktar Abiyyi Kabaja hundeeffama waggaa 75ffaa Yunivarsiitii Finfinnee tibbanaa irratti argamuun waraqaa qorannoo “Gahee Hayyootaa Badhaadhina Biyyaalessaaf” mata-duree jedhuun dhiyeessaniiru.

‎Dooktar Abiyyi, “Gaggeessaan dhugaa, jalqaba irratti kan of mo’atedha; kan ofiin mari’atuufi ofuma isaatiin dubbatuudha” jedhan.

Yeroo of dhaggeeffatu sagalee fi waca keessoosaa adda baasuudhaan, waca irra tarkaanfatee sagaleef bakka kan kennu ta’uu akka qabu kaasaniiru.

‎”Gaggeessaan of injifachuu irra darbee yeroon kan gatii qabu ta’uu beekee, tokkoon tokkoo yeroo isaa waan bu’a qabeessaaf oolchuu danda’uu qaba” kan jedhan Ministirri Muummee, Of dhaggeeffachuu fi yeroo fayyadamuu irra darbee, yaada keessummeessuuf qophaa’ummaa qabaachuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

‎Dabalataanis, “Namni tokko galma kaawwatee gochaan agarsiisuu danda’eefi ofirra darbee kanneen biroo amansiisuufi fayyaduu danda’e, inni hayyuudha” jedhan.

‎Dooktar Abiyyi, hayyummaan bu’aa buusuufi gahumsa jiru adda baasanii beekuus of keessaa akka qabu ibsan.

“Gaggeessitootni bakka qabanne qofaa osoo hin taane, bakka jirru hundumaatti bakka bu’aa jijjiiramaa taanee hooggansa kennuu qabna” jechuunis dhaamaniiru.

‎Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad (PhD) “Hayyootni dhiibbaa gaarii uumuudhaan, galma jijjiiramaa kaa’atanii kanneen biroo qindeessuufi gahoomsuun, bobbii hojii kennaniin bu’a qabeessa yoo ta’an gahumsa gaggeessummaa gonfataniiru jedhama” jechuun waraqaa qorannoo dhiyeessan irratti ibsaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply