Boordichi hojmaata waraqaa irraa gara dijitaalaatti ce’uun isaa boqonnaa guddaa ta’uu ibsame

You are currently viewing Boordichi hojmaata waraqaa irraa gara dijitaalaatti ce’uun isaa boqonnaa guddaa ta’uu ibsame

AMN PLUS- Mudde 27/2018

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa sirna galmee dijitaalaa filattootaa fi kaadhimamtootaa har’a hojii eegalchiiseera.

Sirna galmee dijitaalaa filattootaa fi kaadhimamtootaa kana hojii eegalchiisuuf waggaa tokkoof walakkaa ol fudhachuu Walitti Qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Haayiluun ibsaniiru.

Sirnichi hojii eegaluun isaa, qulqullina hojii, odeeffannoo sirrii, hammataa, baasii xiqqaa fi dhaabbaticha sadarkaa idil addunyaatti guddisuuf akka gargaaru ibsame.

Tarsiimoo waggaa shaniin qabamee, sirni teekinooloojii misoome kun yeroo fi maallaqa qusachuu irra darbee, mirga dimookiraasii haalaan fayyadamuuf akka dandeessisu himaniiru.

Naannolee Filannoo Kuma 55 keessaa, Kuma 30’tti galmeen kan raawwatu hojmaata teekinooloojiin deggerameen akka ta’e Walitti Qabduun Boordichaa ibsaniiru.

Boordichi hojmaata waraqaa irraa gara dijitaalaatti ce’uun isaa boqonnaa guddaa ta’uu Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Teediroos Mihirat dubbataniiru.

Ijaarsa sirna diimookiraasiif walabummaan dhaabbilee filannoo murteessaa ta’uu eeruun, sirni galmee dijitaalaa filattootaa fi kaadhimamtootaa ammoo caalmaatti amanamummaa kan mirkaneessuu ta’uu ibsaniiru.

Sirnichi filmaatilee 3 kan qabu yoo ta’u, appilikeeshinii Filannoo jedhamu, Marsariitii fi buufataalee filannootti argamuun Taabileetiin galmaa’uun akka danda’amu ibsameera.

Kunis qaama miidhamtootaaf haala mijatuun qophaa’uu ibsameera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa Caamsaa 24 Bara 2018 adeemsisuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsuu isaa TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply