“Dhalootni ammaa, kan abdiin irra kaa’amudha” Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing “Dhalootni ammaa, kan abdiin irra kaa’amudha” Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Mudde 27/2018

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) dhalootni amma jiru sadarkaa yaada isaan ajaa’ibsiisaa tahuu kaasuun, “dhaloota abdiin irra kaa’amudha” jechuun ibsaniiru.

‎Dooktar Abiyyi tibbana Yunivarsiitii Finfinneetti argamuun “Gahee Hayyootaa, Badhaadhina Biyyaalessaaf” mata-duree jedhuun waraqaa qorannoo erga dhiyeessanii booda gaaffii hirmaattota irraa isaaniif dhiyaate deebii kennaniiru.

“Sadarkaa dhalootni amma jiru itti yaadu egeree biyyaaf abdiin guddaa kan irra kaa’amu ta’uu ibsaniiru.

‎Dooktar Abiyyi dhaloota bakka lamatti hiruun kan ammaafi kan duraanii jedhamee yaada isaaniif dhiyaate irratti gabbisuun, “Dhalootni kanaan dura ture falmiitti amana ture” erga jedhanii booda falmii isaan garuu kiyya qofatu sirriidha jechuun yaada tokko irratti rincicuun yaada nama ykn hayyuu biraa dhageeffachuuf qophaa’aa akka hin taane kaasaniiru.

‎Yeroo warraaqsa Hayyootaa sanatti, qabeenyiifi diinagdeen guddaan lafa akka ture kan yaadachiisan Ministirri Muummee, Dhalootni itti aanus aadaa, safuufi duudhaa hawaasaa kabajuun beekumsa qabaatus, yeroo ofis tahe waliisaa dhaggeeffatu dhabuu irraa kan kahe ulaagaa hayyummaa keessaa kan hanqisu akka qabu hubachiisaniiru.

‎Kana irraa kan kahes muuxannoo biyyoota alaatii argate yerooma tokkotti hojiitti hiikuuf yaadee garuu osoo tokkoleee hin hojjatin waan hafeef, ilaalchaafi yaadaan Wal diigee, ijaarsa biyyaa keessattis osoo hiree isaa hin bahatin akka darbe caqasan.

‎Dhalootni ilaalama siyaasaa Giddu Galeessaa qabachuun dhufe hamma aangoo isaaf tole qofaatti hojjachuun galma waloo Biyyaalessaa waan dagateef milkaa’ina akka hin argamsiisne eeraniiru.

‎Ilaalama Ida’amuun Badhaadhina biyyaaf kan hojjatu garuu waan gaarii arge tokko tokkoon Finfinnee keessatti misooma hojjatameen mul’isuun jijjiirama waaraa agarsiisaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

‎Biyyaaf kan yaadu, “Anatu yaada fooyya’aa qaba kan jedhu akkuma beekaa, fiixeewwan biyyattii kam irratti illee argamuu mala” kan jedhan Dooktar Abiyyi, Wal dhaggeeffatee fi hubatee yaada isaa Wal simsiisee seenessa waloo ijaaruun badhaadhina biyya isaaf, guddina lammiilee isaaf haga hin tumsinetti garuu ulaagaa hayyummaa irraa akka hir’isu ifatti ibsaniiru.

‎Tokkoon tokkoo namni hayyuun ofiin jedhu qorannoofi qo’annoon deggeramuun, shiraafi haaloo irraa walaba bahuun, Wal hubateefi yaadaan Wal unatee badhaadhina biyya isaaf yoo dhaabbatu hayyummaan akka mirkanaa’u ibsan.

Dhalootni har’a jiru, yaadni isaa ajaa’ibsiisaa tahuu yoo kaasan “Nama sodaachisa” jechuun sagaleen Dhalootaa bara kanaa abdiin guddaa kan irra kaa’amu tahuu dubbataniiru.

Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply