Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo waliin ta’uun hojii tola ooltummaa gannaatiin araddaa jijjiirame Tulluu Araaraa eebbisaniiru.
Araddaan moodela ta’e kun lafa kaaree meetira kuma 7 irra kan buufate yoo ta’u, manni tokko kutaa ciisichaa lamaafi waliigalaan kutaa 5 kan qabu ta’uu Dooktar Abiyyi himan.
Lammiileen 150 bakka jireenyaa qulqulluufi mijataa akka qabaatan taasifamuu, daandii hasfaaltii keessoo, ibsaa, soolaarii, bakka sosochii qaamaafi magariisummaa kan hammatedha.
Jireenyi isaani waaraan akka jijjiiramuuf, bakka oomishaafi hidhatni gabaa uumamuufii Dooktar Abiyyi kaasaniiru.