Naannoo Oromiyaatti Olaantummaa seeraa kabachiisuun hojiin misooma hunda galeessa mirkaneessuu cimee itti fufa jedhan hogganaan Biiroo Komunikeeshinii naannichaa obbo Hayiluu Addunyaan.
Naannichatti hanga ammaatti hidhattoonni duraanii kuma 22 ol ta’an waamicha nagaa motummaan taassiseef fudhachuun Leenjii haaromsaa xumuran gara hawaasatti makamuusaanii himuun, kanneen gocha badii raawwachuu itti fufanirratti tarkaanfiin seera kabachiisuu cimee itti fufa jedhan.
Naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuun cinaatti qaamoleen daandii dogongoraarra turan gara daandii nagaatti akka deebi’aniif waamichi tassifamaa turuu fi taasifamaa jiraachuu kaasan.
Hidhattoota duraanii keessaa kuma 10n kan ta’aniif carraan hojii uumamuufii kan eeran obbo Hayiluun, kanneen biroon akka fedhasaaniitti gara jireenya idileetti deebi’aniiru jedhan.
Bakki hojii fi liqaan Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 81 isaaniif mijatee gara hojiitti galuu dubbatan.
Barnootaa fi gara hojii mootummaatti kan deebi’anis jiraachuu ibsaniiru.
Finxaaleyyii Amaaraas ta’e Oromoorratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhan.
Yeroo dhihoo Godina Horroo Guduruu fi Wallaga Bahaatti bakkeewwan muraasatti tarkaanfiin cimaan fudhatamuu hordofee naannawichatti nagaan bu’uu dubbachuu TOI gabaaseera.