Ayyaanni jijjiirraa Bara Haaraa Ummata Halaabaa “Seeraa”n guyyaa boruu kaasee bifa hoo’aan sirnoota gara garaan dabaalamee Magaalaa Halaabaa Qullittootti kabajama.
Haal Duree Qophii Sirna Kabaja Ayyaanichaa ilaalchisee ibsa kan laatan Itti Gaafatamaan Qajeelcha Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Halaabaa Obbo Haarunaa Ahimad, guyyicha sababeeffachuun Piroojaktootni Misoomaa adda addaa kan eebbifamaniifi ummanni godinichaa hojiilee misoomaa haaraa biroo hojjachuuf kaka’umsa olaanaa kan itti uummatan akka tahe ibsaniiru.
Ayyaanni ‘Seeraa’ Saba Halaabaa biratti bara Moofaa Gaggeessuun, bara Haaraa kan itti simatan akka tahees Obbo Haarunaan ibsaniiru.

Hawaasni Qonnaan Bulaa Sablammichaa kan oomishate alaa galfachuun callaa gunbii guutetti yeroo itti haara galfatuufi waktii oomishaa biroof itti qophaa’u akka tahes himaniiru.
Ayyaanni ‘Seeraa’ dargaggoonni uffata aadaa isaaniin faayamanii weedduuwwan aadaa kan itti taphatan, haadholiin immoo aadaa gara garaa kan itti barsiisaniidha jedhaniiru.
Nyaatni Aadaa Dhangaan Mi’aawaan gara garaas qophaa’uun dhalattoonni Sablammichaa biyya keessaafi ala jiraatan sirna kanarraa kan qooda fudhatan akka tahees ibsaniiru.
Sirni kun taateewwan adda addaa akka keessummeessuufi hoggantootni Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa, Godina Halaabaa fi kan biyyaalessaa kan irratti hirmaatan tahuun Obbo Haarunaan ifoomsaniiru.
Mahaammad Toofiqitu gabaase.