Komiiwwan gibiraa bulchiinsa gaariif gufuu ta’an furamaa jiru- Biiroo Galiiwwan Finfinnee

You are currently viewing Komiiwwan gibiraa bulchiinsa gaariif gufuu ta’an furamaa jiru- Biiroo Galiiwwan Finfinnee

‌‎AMN PLUS- Amajji 4/2018

‎Biiroon Galiiwwan Magaalaa Finfinnee komiiwwan gibiraa bulchiinsa gaariif gufuu ta’an furaa jiraachuu beeksise.

‎Biirichi komiiwwan gibiraa ji’oota ja’a keessatti ka’aa turan kuma 13 fi 643 keessaa kuma 11 fi 892’f deebii kennuun isaa ibsameera.

‎Biiroo Galiiwwan Magaalaa Finfinneetti Daayirektarri Qulqulleessa Komii Gibiraa Obbo Ermiyaas Daggee akka ibsanitti, biirichi walakkaa waggaatti komii murtee gibiraa furuu bira dabree hojmaata bulchiinsa gaarii irratti gufuu ta’anis akka sirreessan himaniiru.

‎Ji’oottan hafan jahanittis haga ammaatti komiiwwan hin furaminiif fala barbaaduuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu akeekaniiru.

‎Biiricha keessattis Kutaan komii kaffaltoota gibiraa fuudhee murteewwan sirrii hin taane irratti fooyya’insa taasisu hundaa’uun hojiitti akka galames ibseera.

Kanaanis, komiiwwan gibiraa wajjiin wal qabatanii ka’aa turan % 89’n hir’isuu isaa Biiroon Galiiwwan Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

‎Tsiyoon Maammootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply