AMN milkaa’ina hojilee bulchiinsa gaarii fi misoomaan gahee olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsame

You are currently viewing AMN milkaa’ina hojilee bulchiinsa gaarii fi misoomaan gahee olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsame

‎AMN PLUS- Amajjii 04/2018

‎Addis Miidiyaa Neetiwork milkaa’ina hojilee bulchiinsa gaarii fi misoomaan gahee olaanaa ba’achaa jiraachuu miseensotni Koree Dhaabbii Dhimmoota Haqaafi Bulchiinsaa, Mana Maree Magaalaa Finfinnee ibsan.

‎AMN Sagaleen Dhaloota gabaasa Raawwii hojii bara baajata 2018 ji’oota jahan darbanii miseensoota Koree Dhaabbii kanneen waliin qorateera.

‎Gabaasicha kan dhiyyeessan Hojii Raawwachiisaa Itti Aanaafi Hogganaan Damee Afaanotaa Obbo Bizu’aalem Beenyaa Addis Miidiyaa Neetiwork miidiyaa meetiroolitaanii isa sirriifi jabaa ta’uuf mul’ata qabatee hojii rifoormii hojjechaa jiruun bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu dubbataniiru.

‎Bara baajataa 2018 ayyaana uummataa, dhaabbilee amantaafi taateewwan akka biyyaafi magaalaa Finfinneetti qophaa’an irratti fulleeffachuun tamsaasa kallattii fi uwwisa miidiyaa adda addaatiin xiyyeeffannaa itti kennuun hojiin ji’oota jaha darban keessatti hojjate bu’a qabeessaafi milkaa’aa ta’uu Obbo Bizu’aalem ibsaniru.

‎”Rakkooleen Bulchiinsa Gaarii tajaajila dhaabilee magaalaa Finfinnee irratti mul’atan hundee irraa furmaata argatanii itti qufiinsi uummataa dabaluuf Addis Miidiyaa Neetiwork hojiin sagantaa “Waarkaa” fi “Agalgaayuu”tiin hojjechaa jiru milkaa’ina guddaa fideera” jedhan.

‎Damee barnootaan tamsaasa barnootaa Chaanaalii AMN Plus’n qilleensarra oolchaa jiruun beekumsaafi barnoota dabalataa dhalootaaf gumaachaa olaanaa taasisaa jiraachuu Obbo Bizu’aalem Beenyaa eeraniru.

‎”AMN ajandaalee uummataa adda baasuun akkasumas dhimmoota faayidaa biyyaalessaafi seenessa waloo ijaaruu danda’an irratti xiyyeeffachuun hojiin hojjechaa jiru kan jajjabeeffamudha” jedhan miseensoonni koree dhaabbii Dhimmoota Haqaafi Bulchiinsa Gaarii Mana Maree Magaalaa Finfinnee.

‎Magaalaa Finfinneetti dhimmoota bulchiinsa gaarii uummataafi mootummaa gidduutti wal-amantaan akka jiraatu hojjachuu kaasaniiru.

‎Gara fuulduraatti ajandaalee uummataafi biyyaalessaa akkasumas kan magaalaa ta’an irratti xiyyeeffachuun bal’inaan hojjachuu akka itti fufu miseensootni Koree Dhaabbii kun akeekaniru.

‎Addunyaa yaa’insii odeeffannoo gar-malee ariifataa ta’ee keessatti dorgomaa ta’uun fuulduratti ba’uuf Addis Miidiyaa Neetiwork hojii eegale cimsee akka itti fufus dhaamaniiru.

Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply