Hurufni Boombii (Jaanmeedaa): Dirree Ayyaana Cuuphaa waliin barootaaf hidhata guddaa qabu

You are currently viewing Hurufni Boombii (Jaanmeedaa): Dirree Ayyaana Cuuphaa waliin barootaaf hidhata guddaa qabu

AMN PLUS- Amajjii 9/2018

Finfinneen Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa Jaanmeedaa Hurufa Boombiitti kabajamu haalaan keessummeessuuf qophii taasifteetti.

Ayyaanni Yaadannoo Cuuphaa Iyyasuus Kiristoos gama duudhaa amantaa isaa eegeen hordoftoota Amantaa Ortoodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti bifa ho’aa ta’een yoo kabajamu, keessummootni hedduus ni hirmaatu.

Ayyaanni kun hambaa kiliyaa ta’uun Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) irratti galmaa’e yoo ta’u, duudhaa aadaa qaamolee hawaasaa garaa garaa amantaa fi tokkummaan walitti fidudha.

Hoteelotni idil addunyaa fi tajaajilootni garaa garaa keessummoota biyya keessaa fi alaa ayyaanicha irratti hirmaachuuf dhufan akka keessummeessan eegama.

Ayyaanni Cuuphaa aadaa fi duudhaa amantaa eegee kan kabajamu yoo tahu kunis hambaa kiliyaa addunyaa irratti qabeenya hambaa biyyattiin addunyaatti mul’istu tahuu ibsameera.

Jaanmeedaa Hurufni Boombiitti ayyaanota amantaa fi uummataa gurguddoo keessummeessuun beekamu kun keessummoota kumaatamaan lakkaa’aman simachuuf qophiin xumurameera.

Biraanuu Warqinaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply