Mootummaan Awustiraaliyaa seera haaraa itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa ijoollee umrii 16 gadii irratti baaseen fuula miidiyaa hawaasaa miiliyoona 4.7 ol haquun gabaafame.
Seerri haaraan ijoollee umrii 16 gadii miidiyaa hawaasummaarraa dhorku kunhojiirra Muddee 10 bara 2025 irraa eegalee hojii irra oole.
Miidiyaaleen hawaasaa gurguddoo seera kanaan ijoolleen umrii 16 gadi akka hin fayyadamnee dhowwaman kan akka Meettaa (Facebook, Instagram), TikTok, Snapchat, X (Twitter), YouTube, Reddit fi kkf ta’uutu gabaafamee.
Hanga ammaattis fuulli miidiyaa hawaasaa Lakkoofsaan miiliyoona 4.7 ol ta’u, ijoolleen umrii 10 hanga 15 giddutti argamanii cufamuu isaa mootummaan Awustiraaliyaa ifoomseera.
Kaayyoon guddaan tarkaanfiin kun fudhatameefis yakkoota adda addaa miidiyaa hawaasaan raawwatamaniifi walitti bu’iinsa miidiyaa kana irra deemuun daa’imman akka sammuun isaanii hin faalamneefi hin miidhamne ittisuuf akka ta’e ibsameera.
Hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa hawaasaa biyyoota addunyaa adda adda ammoo seera itti fayyadama Miidiyaa hawaasaa Awustiraaliyaa kana ilaalchisee yaada gara garaa qaban kennaa jiru.
Walumaagalatti Awustiraaliyaan biyya jalqabaa addunyaa irratti daa’imman umrii 16 gadiitiif miidiyaa hawaasaa guutummaatti dhoowwitee ta’uu AP News fi Royitersiin gabaasaniru.
Kaasiyyee Maanguddaatin Qindaa’e.