Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Dhaabbata Tola Ooltummaa Sanshaayin waliin ta’uun Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun maanguddootaaf maaddii qooduun gaabii uwwisan.
Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Giddugala Kunuunsa Maanguddootaa, Dhaabbata Tola Ooltummaa Sanshaayin waliin ta’uun ijaarsisnetti, maanguddooliin oolmaa biyyaaf oolan kunuunfamaa jiru” jedhan.

Maanguddoota biyyaaf oolmaa oolaniifi deeggarsa barbaadan nageenyummaan isaanii eegamee akka jiraataniif magaalaan Finfinnee hojiilee misoomaa isheen yaada keessa galchuun bara jireenya isaanii hafe dhalootaafi biyya isaaniif waaqa kadhachaafi eebbisaa akka jiraataniif hojjechaa jirti jedhan.
Kanaaf ammoo itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa kan bahate Dhaabbatni Tola Ooltummaa Sanshaayin galateeffachuun, bulchiinsi magaalichaa abbootii qabeenyaa itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii bahatan waliin tumsaan hojjechuuf balballi isaa yeroo mara banaa ta’uu ibsaniiru.