AMN PLUS – Amajjii 29/2018
Magaalaan Finfinnee caasaaleen nageenyaafi jiraattotni ishee qindoomina uumaniin nageenya amansiisaa ijaarteetti jedhan Kantiibaan Adaanech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech Yaa’ii Idilee 2ffaa Bara Hojii 5ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa jiru irratti argamuun raawwii karoora hojii ji’oota jahan darbanii dhiyeessaa jiru.
Kantiibaa Adaanech gabaasa dhiyeessaniin Finfinnee roga maraan misoomuuf nageenya amansiisaa qabaachuun bu’uura murteessaa tahu ibsaniiru.

Raayyaan nageenyaa lakkoofsaan kuma 22 caalaan qaamolee nageenyaa biroofi hawaasa magaalattii waliin qindaa’uun hojiin 24/7 hojjechaa jiran Finfinnee nageenya amansiisaa qabdu uumuu keessatti bakka olaanaa qabaachuu Kantiibaa Adaanech gabaasa dhiyeessan keessatti eeraniiru.
Kantiibaa Adaanech qindoomina jiru cinaatti bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan garaagaraatti Finfinneef guutaman magaalattiin nageenya amansiisaa akka qabaattu galtee dabalataa tahuus gabaasa raawwii hojii ji’oota jahan darbanii Miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinneef dhiyeessaniin ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase