Sudaan hirmaannaa guutuu IGAD keessatti taasisuuf murtoon taasiste nageenya qaxanaa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu himame

You are currently viewing Sudaan hirmaannaa guutuu IGAD keessatti taasisuuf murtoon taasiste nageenya qaxanaa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu himame

AMN PLUS- Guraandhala 02/ 2018

Dhaabbanni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa( IGAD) murtoo Sudaan hirmaannaa guutuu dhaabbaticha keessatti taasisuuf dabarsite gammachuudhaanan fudhadha jedhe.

Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon akka jedhanitti murtoo Sudaan gara IGAD’tti deebi’uuf dabarsite tokkummaa, tumsaafi tarkaanfii waloo naannawichaaf kutannoo qabaachuu ishee agarsiisa.

Sudaan gara dhaabbatichaatti deebi’uun dandeettii dhaabbatichi rakkoolee naannawaa furuuf qabu kan guddisu ta’uus ibsan.

Tattaaffii Dura Taa’aa dhaabbatichaa kan ta’an Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’el Oomaar Geeleeh taasisan galateeffachuun, mariin waliigalteerra akka gahamuuf gahee olaanaa bahataniiru jedhan Dooktar Warqinaan.

Rakkoolee yeroo ammaa biyyattiitti mudataniif furmaata nagaa deeggaruun akkasumas tasgabbiifi misooma naannawichaa guddisuuf dhaabbatichi qophii ta’uus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply