Finfinneen Teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun Itoophiyaa Wiirtuu Dippiloomaasii Afrikaa taasiseera – Ogeessa Diinagdee‎

You are currently viewing Finfinneen Teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun Itoophiyaa Wiirtuu Dippiloomaasii Afrikaa taasiseera – Ogeessa Diinagdee‎

‎AMN PLUS – Guraandhala 05/2018

‎Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun Itoophiyaan akka wiirtuu dippiloomaasii Ardii Afrikaa taatu taasise jedhan Komiishinii Diinagdee Gamtaa Afrikaatti Ogeessi Diinagdeefi Bulchiinsa Baajataa kaadhimamaan PhD Namoomsaa Mangashaa ibsan.

Kaadhimamaan PhD Namoomsaan turtii AMN PLUS Sagalee Dhalootaa waliin taasisaniin, Gamtaa Afrikaan bara 1963 hoggantoota biyyoota Afrikaa kanneen akka Mootii Hayilasillaasee, Kuwaamee Nikirumaa fi Joomoo Keeniyaataa (PhD) dabalatee biyyoota 32’n kan hundeeffame ta’uu yaadachiisaniiru.

‎Yeroo sana teessoon isaa Finfinnee akka ta’u murtaa’uun Itoophiyaan seenaa dippiloomaasii Afrikaa keessatti iddoo olaanaa akka qabaattu taasiseera jedhan.

Akka isaan jedhanitti, Injifannoo Adawaa bara 1888 booda Itoophiyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uun ishee dhageettii Addunyaa irratti akka argattu taasiseera. Gamtaan Afrikaa waggoota darban keessatti Afrikaaf sagalee ta’uun hojii hedduu hojjechaa tureera.

Gama fayyaatiin, Dhaabbanni Giddu Gala To’annoofi Ittisa Dhukkubootaa Afrikaa (CDC)’n hundeeffamuun weerarotaafi balaa uumamaa akkasumas jijjiirama qilleensaa mudatu to’achuuf shoora olaanaa taphachaa jira. Akkasumas nyaata daa’immanii, gargaarsa namoomaa fi ittisa HIV irratti dhaabbileen fayyaa hundaa’uun bu’aa qabatamaa galmeessisaniiru.

‎Gama diinagdeen ammoo Baankiin Misooma Afrikaa hundeeffamuun biyyoota Afrikaa misooma waliinii keessatti walitti hidhuun hojjechaa jira.

Yeroo weerara COVID-19 illee Gamtaan Afrikaa qindoominaan hojii ittisaafi to’annoo hojjechaa tureeraas jedhaniiru kaadhimamaan PhD Namoomsaa Mangashaa.

‎Dabalataan teessoon Gamtaa Afrikaa Finfinneetti argamu guddina diinagdee fi maqaa gaarii Itoophiyaa cimsuuf murteessaadha.

Yaa’iiwwan Gamtaa Afrikaa Finfinnee keessatti gaggeeffamanis biyya keenyaaf dhageettii addunyaa guddaa akka fidu taasisa.


‎Afrikaa keessatti rakkooleen nageenyaa yeroo yerootti mul’atan marii fi waliigalteen akka furaman taasifamuun Gamtaan Afrikaa shoora tasgabbeessummaa taphachaa jiraachuu isaas eeraniiru.

‎Gama biroon waliigalteen Gabaa Bilisaa Ardii Afrikaa biyyoota 54 walitti fiduun daldalaa fi walitti dhufeenya diinagdee cimsuuf karaa banuu isaa ibsaniiru.

‎Xumura irratti, Gamtaan Afrikaa bara 1963 Afrikaanotaaf abdii fi tokkummaa bu’uureffatee hundeeffame, har’as guddina fi walooma Ardichaaf shoora olaanaa taphachaa jiraachuu kaadhimamaan PhD Namoomsaa Mangashaa turtii AMN PLUS waliin taasisaniin ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply