Muuxannoon Misooma Koriidarii Finfinnee Magaalaa Hawaasaas Milkeessera – Obbo Xiraatuu Bayyanaa

You are currently viewing Muuxannoon Misooma Koriidarii Finfinnee Magaalaa Hawaasaas Milkeessera – Obbo Xiraatuu Bayyanaa

AMN PLUS-Guraandhala 17/2018

Muuxannoon Magaalaa Finfinnee irraa argamee milkaa’ina misooma koriidarii Magaalaa Hawaasaaf bu’aa guddaa akka fide Kantiibaan Magaalattii Obbo Xiraatuu Bayyanaa ibsan.

Muuxannoon misooma koriidarii Finfinnee irraa fudhatame hojii Magaalaa Hawaasaa keessatti bu’uura cimaa ta’ee tajaajilaa akka jiru Obbo Xiraatuun himaniiru.

Hojiin misooma koriidarii Finfinneetti jalqabame magaalota Itoophiyaa hedduu dabalatee baadiyyaatillee babal’achuun dorgomummaafi haala jireenyaa mijataa uumuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu Obbo Xiraatuun AMN’tti himaniiru.

Hojiin misooma koriidarii Finfinneetti kan eegalame yoo ta’uu jalqabarratti qormaanni mudatus deeggarsa kallattii Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) irraa argameen bu’aan guddaan akka galmaa’e ibsaniiru. Muuxannoon argame kunis gara Hawaasaatti ce’uun bu’aa olaanaa akka argamsiisu Obbo Xiraatuun dubbataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad akka biyyaatti misooma magaalotaa saffisiisuu fi haala jireenya uummataa jijjiiruuf wixinee jalqabaniin Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan bal’aan akka hojjetaman kan dubbatan Obbo Xiraatuun, magaalota biyyattii hunda keessattis hojiin misooma koriidarii babal’achuu akka danda’e himaniiru.

Haaluma kanaan Magaalaa Hawaasaa keessatti hojii misooma koriidariin carraan hojii bal’aan uumamuu isaa kaasuun, jijjiirama diinagdee fi hawaasummaa magaalattii saffisiisuuf gahee olaanaa akka qabus eeraniiru.

Tolasaa Mabraateetiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply