AMN PLUS – Guraandhala 19/2018
Barattootni Mana Barumsaa Idileen Duraafi Sadarkaa 1ffaa Jaarraa Abbaa Gadaa mul’ata qabaniin gootichuma maqaan mana barumsaaa isaanii ittiin moggaafame fakkaatu.
Gootichi Oromoo Jaarraa Abbaa Gadaa reefuu umrii isaa ijoollummaatti diddaa garbummaa uummata isaa Oromoo irratti hidda lafatti ergachuuf ture qabsoo finiinsee buqqisuuf tattaafachuu keessatti baay’ee qabsaa’uu seenaan durduubee jireenya isaanii dhugaa baheera.
‘Waldaa Barattoota Oromoo’ jalqaba kan hundeessanillee Jaarraa Abbaa Gadaati.
Sochii kanas Jaarraa Abbaa Gadaa kan eegalchiisan mana barumsaa keessatti tahuun nama ashaaraa dhalootaa qabanidha.
Sanyiin Leencaa Leencumaa har’a barattootniifi barsiisotni Mana Barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaas dubbii isaaniirraa eegalee qaxaleewwan yoo jenne arbeessuu hin tahu.

Miirri gootummaa, cichoominaa, mul’ata boriif tahu qabaachuu dabalatee seenaa beekuun keessa isaanirraa akka dubbifamu AMN PLUS Sagaleen Dhalootaa turtii Barattootaafi Barsiisota Mana Barumsaa Jaarraa Abbaa Gadaa Waliin Taasiseen Gara Fuulduraa Abdii Biyyaa Tahuu Hubateera.
Barattootni kunniin seenaan Injifannoo Adawaa, kutannoon gootota itoophiyaanota kaleessaa kan nutti agarsiisu tokkummaan humna yoo tahu iccitiin sana booda jiru ammoo injifannoodha jedhaniiru.
Injifannoon Adawaa dhaala gootota kaleessaan itoophiyaanota har’aaf gudunfame galmee injifannoo seenaati kan jedhan barattootni kunniin biyya aarsaan itti kaffalamee nu qaqqabde eeggachuun dhaloota itti aanuuf dabarsuu keessatti imaanaatuu nurra jira jechuun ibsaniiru.
Nuti warra seenaa leellisu qofa osoo hin taane, warra seenaa beekee, seenaa hojjetee itti jiraatee darbu tahuuf, damee hojii itti bobbaaneen kutannoofi xiiqiin hojjennee mul’ata qabnu dhugoomsuun ashaaraa keenya Injifannoo Adawaa fakkaatu keewwachuun nurra jiraataas Barattootni Mana Barumsaa Idileen Duraafi Sadarkaa 1ffaa Jaarraa Abbaa Gadaa Yaada AMN PLUS Sagalee Dhalootaaf kennaniin dhaamaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin