Sagaleen Tokkollee Bu’aa Filannoo Akka Jijjiiru Beekuun Waan Nurraa Eegamu Raawwachuu Qabna – Dargaggoota Finfinnee

You are currently viewing Sagaleen Tokkollee Bu’aa Filannoo Akka Jijjiiru Beekuun Waan Nurraa Eegamu Raawwachuu Qabna – Dargaggoota Finfinnee

AMN PLUS – Guraandhala 19/2018

Dargaggootni magaalaa Finfinnee filannoon sirnaafi biyya ijaaruuf murteessaa waan ta’eef paartii kamtu gaaffii dargagoo deebisa kan jedhu deebisuuf wal morkii paartilee siyaasaa jidduutti adeemsifamu beekuu akkasumas Maanifeestoo siyaasaa isaanii beekuun murteessaa ta’uu AMN PLUS’tti himaniiru.

Jiraataan magaalaa Finfinnee Ittafaa Yaadasaa dargaggootni paartii hawaas-diinagdee fi misoomaan fayyadamaa isaan taasisu filachuuf paartilee kanneen dursanii beekuufi madaaluun barbaachisaa tahuu dubbateera.

Dargaggoon bakka isaaf maluufi guddina diingadee keessatti hirmaataa akkasumas fayyadamaa akka ta’uuf haala mijeessuu paartii sanaa kan beeku ammoo maanifeestoo paartichaa irraa hubachuun ta’uu kaaseera.

Shamarree Hayimaanot Zinaabuu dargaggootni gaaffii yeroo waliin jijjiiramaa deemu qaban deebisuuf paartii gahumsa qabuu fi biyya itti fufsiisuu danda’u filachuuf manifeestoo paartilee beekuu kan qaban ta’uu ibsiteetti.

Gama biraan, paartii wal qixxummaa amantaafi sabaatti amanu filachuun dargaggoota irraa kan eegamu ta’uu eeruun, faayidaa dargaggootaa mirkaneessuuf paartii socho’u filachuun gahee dargaggootaa tahuu kan hime ammoo dargaggoo Olumaa Amanteedha.

Kanuma irraa kahuunis miidiyaa garaa garaatti dhimma bahuun sagantaa paartilee kanneenii beekuun, kan keessaa guddinaa fi egeree dargaggoo biyyattiif akkasumas jijjiirama dargaggootaaf hojjatu filachuuf, kaardii filannoo isaan dandeessisu galmaa’anii fudhachuuf gamanumaa qophii taasisaa jiraachuu dargaggootni kunneen kaasaniiru.

Sagaleen tokko illee gatii olaanaa waan qabuuf guyyaa kaardii filannoof galmaa’uun fudhachuu irraa eegalee hanga gaafa filannootti qophii taasisuun barbaachisaa ta’uu dargaggootni kunneen ibsaniiru.

Dargaggoon sagaleen koo biyya koof, hiree koof gatii olaanaa qaba jechuun hirmaannaa isaa mirkaneessuuf gamanumaa qophii taasisuufi karaa ittiin dimookiraasii shaakalu kanatti dhimma bahuu akka qabu yaadachiisuun, filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 akka haqa qabeessa, bilisaafi dimookiraatwaa akkasumas hirmaachisaa ta’u gamanumaa gahee isaanii bahachuu kan eegalan ta’uu dargaggootni magaalaa Finfinnee yaada isaanii AMN PLUS’f kennan ibsaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad filannoon marsaa 7ffaa barana adeemsifamu kan kana duraa irra gama maraanuu fooyya’aa akka ta’u xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu Baatii Amajjii bara 2018’tti Miseensota Mana Maree bakka bu’oota uummataaf ibsuun isaanii yaadatama.

Malkaamuu Abbabaatu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply