AMN PLUS – Guraandhala 21/2018
Miidiyaaleen bara filannootti uummatni mirga filachuufi filatamuusaa beekee filannoo irratti dammaqinaan akka hirmaatuufi paartileen siyaasaa waltajjii sagantaa isaanii itti dhiyeessan qixa qopheessuun gahee isaanii akka bahatan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.
Addis Miidiyaa Neetwoork (AMN) Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Finfinnee waliin ta’uun Paartilee Siyaasaa magaalaa Finfinnee keessatti dorgomaniifi ogeeyyii miidiyaa magaalaa Finfinneef leenjii dambii fayyadama miidiyaa kenneera.
Walitti Qabaa Itti Aanaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Obbo Tasfaayee Newaay, miidiyaaleen waqtii filannoo kanatti ummanni mirga isaa beekee yeroon galmaa’ee, sagalee kennuun mootummaa isaaf tolu akka hundeessu barsiisuun irraa eegama jedhan.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bara kana sirna galmee sadii hojiirra oolchuun Guraandhala 20, 2018 irraa kaasee galmee akka gaggeessu himaniiru.
Filmaatileen kunniin lammiileen hundi Applikeeshinii ‘Mircaayee’ jedhu bilbila harkaatiin fayyadamuun akka galmaa’uu danda’u kan himan Obbo Tasfaayeen qaamaanis buufata filannoo naannoosaa jirutti fayyadamuun akka galmaa’u himan.

Miidiyaaleen bara filannootti Paartilee kaadhimamoo galmaa’an maraaf carraa qixa kennuun imaammata isaanii uummataaf akka beeksisan gochuu qabu jedhan.
Paartileen seera qabeessi 48 Boordii Filannoo Biyyaalessaatti galmaa’an, sagantaafi maanifestoo isaanii uummataaf akka dhiyeessaniif waltajjii morkii yaadaa qopheessuun uummanni filannoo haqa qabeessaan mootummaa isaaf tolu akka hundeessu miidiyaan carraa waltajjii mijeessuun gahee heeraan kennameef akka bahatu Obbo Tasfaayeen waamicha dhiyeessaniiru.
Paartileen Siyaasaas waltajjiiwwan morkii qophaa’an irratti yaadaan morkachuun, ergaawwan uummata gidduutti waldhabdee uuman irraa akka of qusatan hubachiisaniiru.
Akkaataa dambii naamuusa filannoo mallatteessaniin, paartileen dirree siyaasaafi carraalee argatan hunda irratti naamuusa duula filannoo eeguun dirqama ta’uullee ibsaniiru.
Walitti Qabaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Magaalaa Finfinnee Obbo Maaruu Jaallee yeroo filannootti AMN paartilee siyaasaatti dhiyaatee carraa qixa kennuun isaa ni galateeffachiisa jedhaniiru.
Paartileen Siyaasaas carraa miidiyaa argametti fayyadamuun karaa damabii naamusa duula filannoon akka fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru.
Tagany Bafiqaaduutu gabaase