AMN PLUS- Guraandhala 21/2018
AMN Filannoo Waliigalaa Marsaa 7ffaa gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa marti karaa qixaafi haqaan sagantaafi maanifestoo isaanii akka dhiyeeffataniif kutannoon akka hojjetu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa himan.
Addis Miidiyaa Neetwoork Mana Maree Paartilee Siyaasaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun sagantaa duula filannoofi waltajjii morkii sagantaafi maanifestoo ilaalchisuun Paartilee Siyaasaa waliin mari’ateera.
Waltajjicharratti gaaffilee bakka buutota Paartilee Siyaasaa irraa ka’aniif deebii kan kennan Obbo Kaasaahun Gonfaa, dhaabbatichi uummata fi paartiilee hunda qixa kan keessummeessu ta’uu himan.
Akkaataa dambii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa baaseen, paartileen siyaasaa hunduu sa’aatii Boordichi kennuun kan keessummeessu ta’uu kan eeran Obbo Kaasaahun, kanaaf deeskii filannoo of-danda’eefi dhimma filannoo qofaa hojjetu hundeessuu ibsaniiru.
AMN miidiyaa waamamni isaa Mana Maree Maagaalaa Finfinnee waan ta’eef uummata hunda bakka bu’uun paartilee Boordii Filannoo Biyyaalessaatti beekamtii argatanii galmaa’uun dorgoman hunda qixa akka keessummeessu mirkaneessaniiru.
AMN Paartilee siyaasaa Finfinnee keessatti morkatan 16’f sagantaa qixa ta’e qopheessuun sirna carraa baasuu geggeesseera.
Paartileen kunneenis ajandaa morkii yaadaa itti gaggeessan hunda har’a beekuun haga guyyaa morkiitti bakka buutota isaanii akka qopheessan carraan kennameera.
Tagany Bafiqaaduutu Gabaase