AMN PLUS- Bitootessa 02/2018
Abdiin ija ijoollee biyyakoo keessatti argu gahumsaan cimee ittiin hojjadhu naaf ta’eera jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD).
“Itoophiyaan biyya seenaan hidhamtu miti” erga jedhanii booda, Inumaayyuu kanneen ishee miidhaniif dhiifama taasistee, kanneen ishee jaallatan kabajjee imalashee itti fufti jedhan.
“Ofii ishee irra dabartee naannawichaafillee maaddii ishee bal’aa irraa qooduuf biyya guddoo daandii misooma saffisaan carraaqaa jirtu” tahuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad ibsan.
Dooktar Abiyyi miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, “guyyaan tokkoon tokkoon isaa guddina biyyaafi uummatakoo osoo hin mirkaneessin hin qisaasa’u” jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad naannolee daawwataniifi carraawwan argataniin abdiin ijoollee biyyaa keessatti argan gahumsa yeroo hunda ittiin cimanii hojjatan kan uumeef ta’uu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi, “hundi keenya iyyuu gama hojii irratti bobbaaneen bu’aa isa olaanaaf cimnee haa hojjannu,Yeroo itti Itoophiyaan waan amma irra geessee olitti guddattu fagoo miti” jechuun ergaa dabarsaniiru.