Dhaabbileen Amantaa Ijaarsa Biyyaa Keessatti Gahee Olaanaa Ba’ataniiru – Obbo Jaanxiraar Abbaay

You are currently viewing Dhaabbileen Amantaa Ijaarsa Biyyaa Keessatti Gahee Olaanaa Ba’ataniiru – Obbo Jaanxiraar Abbaay

AMN PLUS – Bitootessa 02/2018

Dhaabbileen Amantaa ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa kan ba’atan ta’uu Kantiibaan Itti Aanaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsan.

Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee mata duree “Yaadama Mootummaa Ida’amuu Dhaabbilee Amantaaf” jedhuun hordoftoota Amantaa Islaamaa Kutaa Magaalaa Qiirqos keessa jiraatan waliin marii taasiseera.

Waltajjicharratti argamuun ergaa kan dabarsan Kantiibaan Itti Aanaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay “Dhaabbileen Amantaa Ijaarsa Biyyaa keessatti gahee olaanaa kan ba’atan ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen mootummaa bira dhaabbachuun gumaacha isaanii ba’achuu akka itti fufan yaadachiisaniiru.

Sagantichi yaadama Mootummaan Ida’amuu Dhaabbilee Amantaaf qabu ibsuufi dhimma biyyaa irratti tumsaan hojjachuuf haala dandeessisu iratti mari’achuuf yaadamee kan qophaa’e tahuu hubatameera.

Gabaasni kan Toomaas Aliigaaz

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply