Tajaajila Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Teeknoloojiin Ammayyeessuu Hojjetamaa jira- Biiroo Geejjibaa Finfinnee

You are currently viewing Tajaajila Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Teeknoloojiin Ammayyeessuu Hojjetamaa jira- Biiroo Geejjibaa Finfinnee

AMN PLUS – Bitootessa 02/2018

Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee tajaajila geejjibaa magaalaa haala itti fufiinsa qabuun ammayyeessuuf hanqinoota gama bu’uuraalee misoomaatiin mul’atan guutuuf hojiiwwan riifoormii bal’aa hojjechaa jiraachuu beeksise.

Biirichi hojiiwwan misooma kooriidarii irratti hojjetaman, fayyadama teeknooloojiifi fooyya’insa tajaajilaa geejjibaatiif xiyyeeffannoo kennuun hojiirra oolchaa akka jiru Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Geejjiba Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarraa turtii AMN waliin taasisanin ibsaniiru.

Kanaan dura rakkooleen daandiin wal-qabatan bal’inaan magaalaa keessatti mul’atan kanneen akka qulqullina daandii, hanqina daandii imaltootaafi iddoo dhaabbii konkolaataa yeroo ammaa hojii misooma kooriidariitiin kan hojjetame jijjiirama guddaa akka fides dubbataniiru.

Haa ta’u malee tarminaloota 48 Magaalaa Finfinnee keessatti argaman keessaa guyyaa guyyaan imaltoota kuma 150 haga 200 ta’anif tajaajila kan kennu tarminaalin Magganaanyaa misooma kooriidarii keessatti kan hin hammatamin fooyya’insa bal’aa akka barbaachisu kaasaniiru.

Sanumarraa ka’uun, danqaa tarminala keessatti mul’atuufi hawaasa tajaajila argachuuf sa’aatii dheeraa hiriranii dhabbatan boqochiisuuf Kutaa Magaalaa Eekkaafi bakkeewwan birootti tarminaloota haaraa ijaaruuf hojiin jalqabamu isaas ibsaniiru.

Keessattuu, imaltoota gara Arraabsaa, Xaafoo, Ayaat, Saarbeeeetiifi Kooyyee Faccee imalaniif tajaajila saffisaa kennuuf, lakkoofsi konkolaattotaa akka dabaluu taasifamu isaas Obbo Daanyaachoon himaniiru.

Galgala sa’atii 1:30 hanga 2:00tti hanqina geejjibaan wal-qabatee mul’atu hir’isuun hawaasni guutummaatti tajaajila akka argatuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu ibsuun, sana boodas tajaajilli geejjiba halkanii cimee akka itti fufuuf itti dhiyeenyaan hordofamaa jiraachuu isaa turtii AMN waliin taasisanin akeekaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply