AMN PLUS- Bitootessa 06/2018
“Dhaabbileen Amantaa Yaadama Mootummaa Ida’amuu” mata duree jedhuun har’a ganama marii bu’a qabeessa taasisuu isaanii Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Itoophiyaan biyya amantaa, aadaafi duudhaa hedduu akka taate kan eeran Kantiibaa Adaanech, “Biyya tokko miidhagee kaan ammoo cooligee itti mul’atu osoon taane kan amantaan hundumtuu wal qixxummaan itti miidhaganidha” jedhan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, amantaan Islaamaa illee akkuma amantaawwan biroo hambaawwan durii, seenaawwaniifi duudhaalee kunuunsuun dhalootatti dabarsuun, faayidaa biyyaalessaa eegsisuun, naamusaafi gara laafummaa namummaaf barsiisuun akkasumas hirmaannaa misoomaan Itoophiyaa har’aa ijaaruu keessatti gumaacha olaanaa bahachuu ibsaniiru.
Seenaa qofa osoo hin taane waggoota jijjiiramaa darban keessatti dhaabbileen amantaa magaalaa Finfinnee ijaarsa nageenyaa bal’aa, misoomaafi imala badhaadhinaa irratti gumaachi taasisaa jiran bakka bu’iinsa hin qabne ta’uu kaasaniiru.
”Gumaachi guddaan kun akka caalaatti jabaatu gochuudhaan, harka wal qabannee misoomaaf, walitti dhufeenya uummattootaa cimsuuf, nageenyaaf akkasumas faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa eeguuf waliin dhaabbachuu fi waliin hojjechuu irratti walii galtee irra geenyeerra” jedhan.
Akkasumas, waltajjiin marii kun adeemsa keessatti hanqinoota mul’atan haala sirreessuun danda’amu irratti mari’achuun, wal ta’uun sirreessuuf waltajjii kallattii mul’isee fi bu’a qabeessa tahuu isaa Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.
Waltajjiin kun mariilee kanaan dura kutaa magaalaa hunda keessatti adeemsifamaniifi kan xumuraa ta’ee, mootummaa fi dhaabbileen amantaa gahee isaanii ifatti adda baasuun kan agarsiisie akkasumas waliigalteen waloo kan itti uumame tahuu eeraniiru.
Abbootii amantii fi hordoftoota amantaa Islaamaa magaalaa Finfinnee hirmaannaa olaanaa taasisan, yaada ijaaraa ta’e kennaniif dhiheessan hundumaaf maqaa isaanii fi maqaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneen galata dhiyeessuun, dhuma irrattis
”Ramadaan Mubaarak” jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa isaanii dabarsaniiru.