AMN PLUS – Bitootessa 04/2018
Gamtaan Dimookiraatawaa Tigraay (Paartiin Simirat) sirni siyaasaa naannoo Tigraay keessa waggoota dheeraaf ture naannicha duubatti kan hambise ta’uun yaadotni siyaasaa haaraa filannoo ta’an hojiirra ooluu akka qaban ibseera.
Pirezdaantiin Itti Aanaa paartichaa Obbo Haftuu Kiroos AMN waliin turtii taasisaniin waggoota kurnan darban haalli siyaasaa dhiphaan naannicha keessatti mul’ate gahumsa guutuu uummataa akka daangeesse dubbatan.
Ilaalchi siyaasaa garee tokkoo waggoota dheeraaf naannoo Tigraay keessatti olaantummaadhaan turuun naannichaafi jiraattota rakkootti akka galchee Obbo Haftuun himaniiru.

Keessattuu, ilaalchi siyaasaa TPLF hordofaa ture tokkummaa uummataa miidhuu qofa osoo hin taane, lammiileen filannoo siyaasaa barbaadan bilisaan akka hin hordofneef danqaa akka ta’e Pirezidaantii Itti Aanaan kun eeraniiru.
Yeroo ammaa kana Paartiin Simirat yaada siyaasaa filannoo uummata naannichaaf qabatee socho’aa akka jiru kan himan Obbo Haftuun, filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa dhufu irrattis paartiin isaanii olaantummaa yaadaa irratti hundaa’uun akka dorgomu ibsaniiru.
Humni siyaasaa naannicha keessa socho’u kamiyyuu humnaan osoo hin taane yaadaan qabsaa’uu akka qabus dubbataniiru.
Dabalataanis naannichi rakkoo hawaasummaa fi dhiibbaa dinagdee keessaa baasuuf yaada siyaasaa fi hoggansa haaraa fi beekumsa qabu akka barbaachisu himaniiru.
Dhalootni waraanaafi rakkoo siyaasaa darbe keessaa bahuun saayinsii, teeknoloojiifi hojii kalaqaa irratti xiyyeeffachuu akka qabus Pirezdaantiin Itti Aanaa paartichaa Obbo Haftuu Kiroos AMN waliin turtii taasisaniin waamicha dhiyeessaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e