AMN PLUS – Bitootessa 4/2018
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idil addunyaa akka qopheessituuf carraan kennameeraafi.
Dorgommiin Giraandi Priksi Finfinneetti adeemsifamu kuni A.L.A Ebla 18 bara 2026 Finfinnee, Akaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti akka gaggeeffamu Federeeshiniin Atileetiksii Addunyaa sagantaa haaraa bara kanaa baase keessatti beeksiseera.
Dorgommii sadarkaa naasii kennaameef kun koorniyaa lamaaniinuu fageenya gabaabaa haga dheeraatti akka dorgomamu mirkanaa’eera.
Dorgommiiwwan dirree, ulee walharkaa fuuchuu garee (Mixed Relay) jechuunis dorgommii garee dhiirootaafi dubartoota walitti makuun ulee walharkaa fudhuun dorgamamuus saganticha keessatti hammatamuu isaa ibsameera.
Ogeeyyiin Itoophiyaa dorgommii kana qindeessan Federeeshiniin Atileetiksii Addunyaa marsariitii isaa irratti tarreesseera.
Haaluma kanaan Itti Gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Dr. Amansisaa Kabbadaa qindeessaa dhimma waliigalaa, Obbo Dagoo Adinaw Daayirektara dorgommii irratti yoo ramadaman Obbo Mahaarii Nagaash ammoo qindeessaa hariiroo atileetotaa ta’uun ramadamuu isaanii ifoomseera.
Injifattoonni badhaasa maallaqaa guddaa Itti argachuun carraa dorgommii biraa argachuuf qophii cimaa taasisuu akka qaban Federeeshiniin Atileetiksii Ioophiyaa ibsuu isaa ni yaadatama.
Taammiraat Abarraatu gabaase