AMN PLUS – Bitootessa 7/2018
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmud Alii Yusuuf balaa sigiga lafaa Naannoo Kibbaa Itoophiyaa Godina Gaamootti mudateen lubbuufi qabeenya irratti miidhaa ga’eef gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Akkasumas maatii lammiilee balichaan lubbuun darbeef jajjabina hawwanii, lammiileen balaa kanaan miidhaman ammoo waliin akka dhaabbatan mirkaneessaniiru.
Komishiniinarichi namoota naannichatti hojii lubbuu baraaruu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf boqonnaa malee hojjetanis galateeffataniiru.
Gamtaan Afrikaa yeroo rakkoo kanatti Itoophiyaa cina akka dhaabbatu mirkaneessuun, hojii deebisanii dhaabuuf taasifamuuf deeggarsa isaanii itti fufuu akka qaban ibseera.