AMN PLUS – Bitootessa 08/2018
Mootummaan Chaayinaa balaa sigigaannaa lafaa Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gaamootti mudateen lubbuu darbeefi mancaatii qabeenyaa qaqqabetti gaddi guddaan itti dhagahamuu ibse.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Liin Jiyaan, mootummaan Chaayinaa balaa mudate kana ilaalchisee gaddi itti dhagahamuu mootummaa Itoophiyaaf ibsuun, maatii miidhamtootaa maraaf jajjabina hawwuu beeksisaniiru.
“Hoggansa Itoophiyaa ammaatiin uummanni miidhamni irra gaherraa bayyanachuun qe’ee isaanii bakkatti akka deebisan amantii guutuu qabna” jedhaniiru.
Mootummaan Chaayinaas dandeetti qabu hundaan mootummaa Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatu mirkaneessan.
Chaayinaan uummata miidhame deebisanii dhaabuuf sochii taasifamu hunda keessatti akka deeggartu ifoomsaniiru.
Maddi: CGTN Africa