Atileet Yebirguwaal Mallasaa du’aan addunyaa kana irraa boqotte

You are currently viewing Atileet Yebirguwaal Mallasaa du’aan addunyaa kana irraa boqotte

AMN PLUS – Caamsaa 04/2018

‎Atileetii beekamtuun Yebirguwaal Mallasaa har’a ganama osoo shaakala irra jirtuu dhukkuba tasa ishee mudateen hospitaala geeffamtus lubbuun ishee baraaramuu hin dandeenye.

‎Atileetiin Itoophiyaa fageenyota garaagaraatiin bakka buutee bu’uun dorgomaa turte, Yebirguwaal Mallasaa bara 2015 irratti taphoota guutuu Afrikaa walakkaa maaraatoonaan meedaaliyaa nahaasaa argatte turte.

Bara 2015 Maaraatoonii Chiikaagoo irratti meedaaliyaa meetii argachuun ishee ni yaadatama.

‎Atileetiin umuriin ishee waggaa 36 Yebirguwaal Mallasaa walakkaa maaraatoonii Paariis yeroo lama, maaraatoonii walakkaa Liizban yeroo tokko mo’achuun, maaraatoonota Shaangaay, Praagii fi Huuston irrattis sadarkaa olaanaa galmeessuun beekamtii.

‎Atileetiin kun gaa’ila kan qabduufi haadha ijoollee lamaati. Torban lama booda maraatoonii kaanaadaa magaalaa Ootaawaa keessatti gaggeeffamu irratti mo’achuuf warra dursanii tilmaamaman keessaa ishee tokko turte.

Addis Miidiyaa Neetiwork du’a atileetii kanaatti gadda itti dhaga’ame ibsaa, maatii , jaallattootaa fi deeggartoota atileetiksii hundaaf jajjabina hawwa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply