AMN PLUS – Ebla 25/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dorgommiiwwan ispoortii yeroo itti aanutti taasifaman keessummeessuuf adeemsi deggeruu daran cimee kan itti fufu ta’uu ibsan.

Pilaazaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa fi addabaabaayiiwwan Magaalaa Finfinnee gurguddoo ta’an irratti dorgommii guddichi adeemsifamaa jiru kun Itoophiyaan turizimii ispoortiif sadarkaa idil addunyaatti fudhatamummaa akka argattu ashaaraa guddaa tahuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Finfinnee dorgommiiwwan ispoortii addunyaatiin caalmaatti beeksisuuf hojiileen gurguddoon hojjetamuu ibsuun, magaalattiin torbanoota lama keessatti qofa dorgommiiwwan idil addunyaa sadii kan keessummeessite ta’uu beeksisaniiru.

Kunis magaalattiif hiika guddaa qabaachuu eeruun dorgomiiwwan wal fakkaatoo gara fuulduraatti akka Finfinneetti taasifamaniif deggersa kan taasisan ta’uu ibsaniiru.
Ispoortiin hariiroo dippiloomaasii idil addunyaa guddisuu irra darbee obbolummaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Dorgommiin kun ijaaramuu bu’uuraalee misoomaa qofaan osoo hin taane, jiraattotni jaalala ispoortiif qabanii fi keessummaa haala addaan simachuu isaaniin kan Finfinneetti adeemsifame ta’uu himaniiru.
Dorgommii kana irratti ispoortessitoota biskileetii Itoophiyaa dabalatee dorgomtootni beekamtii idil addunyaa hedduunis hirmaachaa jiru.

Kantiibaa Adaanech dorgommiin seena-qabeessii kun maqaa gaarii Finfinnee ijaaruun dorgomtummaa idil addunyaa irratti qabdu akka cimsattu kan gargaaru tahus hubachiisuun adeemsi akkasii gara fuulduraattis kan deggeruu ta’uu ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin